ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2023
Gareen maafi’aa PP uummata Oromoo dararuu irratti xiyyeeffate Oromiyaa bakkoota hedduutti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistu jedhuun hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi manneen gubuun akkuma itti fufetti jira.
Akka kanaanis Jimaata darbe Onkoloolessa 13, 2023 godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nagallee fi Qoree keessatti kan argaman gandoota baadiyaa wal dandeessan keessatti gubaatiin manneen qonnaan bultoota raawwachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattotni ONMtti himanitti waraanni faashistii kun aanaa Arsii Nageellee ganda Maraaroo Awwiloo keessaa manneen qonnaan bultoota 10 ol qabeenya mana guutuu waliin kan guban yoo ta’u, aanaa Qoree bakka gaara Qottuu jedhamu keessaas manneen hedduun gubachuu ibsu.
Gareen maafi’aa PP maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu, nyaachistuu fi karaa dabarsituun aanota lamaan kana keessaa manneen gubuun alattis namoota hedduu kan hidhanii jiran yoo ta’u, godinuma Arsii bahaa aanaa Sirkaa fi Xiyyoo keessattis manneen qonnaan bultoota hedduu gubuu fi qabeenya saamuun ni yaadatama.

