Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Lixaa aanaa Arsii Nageellee ganda Maraaroo Awuloo keessatti manneen namoota sadii ibiddaan gubuun abboota warraas hidhuun dhaga’aame 

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2023

Qe’een Oromoo hedduu ibiddaan gubachuun maatii hedduun bakka jireenyaa dhabanii daandii gubbaatti galuun jiruu karaa irraa dhamdhamaa kan jiran yoo ta’u, tarkaanfiin farra namummaa Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru kun ejjennoo tiksitoota sirnichaan gara duraatti saffisuu akkuma itti fufetti jira.

Akka jiraattotni godina Arsii lixaa aanaa Arsii Nageellee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise dubbatanitti,  jecha afaan isaanii hojiitti jijjiiruun dheengadda jechuun Onkoloolessa 5, 2023 aanaa Arsii Nageellee ganda Maraaroo Awuloo jedhamu keessatti caasaaleen sirnichaa manneen sadii maatii keessaa ariyuun ibidda itti shidanii gubuun barame.

Abbootiin warraa qe’een isaanii gubate, manni isaanii gubachuun cinatti isaaniin illee loltootni sirnichaa qabanii kan hidhan yoo ta’u, namoonni hidhamanii jiran kunneenis Jombaa Bulloo, Abbaa Shukaa fi  Ayimad Hajii Mohammed Kan jedhamanii fi harka isaanii duubatti hidhanii ija isaanii duratti qe’ee isaanii erga gubaniin booda mana hidhaatti galchanii hanga hardhaa dararaa jiraachuunis dubbatame.

Exit mobile version