Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa fi Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsii keessatti maatii qabsa’otaa dararuu dabalatee uummanni nagaan hiraarfama guddaa keessa jiraachuun beekame 

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Gareen hidhattoota faashistii PP dirreetti bahanii Waraana Bilisummaa Oromoo waliin lola geggeessuu baqachuu fi lola sana irratti tarkaanfiin gaafa irratti fudhatamu jala dhaabbachuu dadhabuun maatii qabsaa’otaa gaafatamaa gochuun tarkaanfii hidhaa kaasee hanga ajjeechaa irratti raawwachaa jiru.

Ergamtootni Abiy Ahimed namoota nagaa ilaalcha paartii siyaasaa qaama kamiiyyuu hin taanes isin loojistikii WBO’ti  jechuun gidirsuu jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Leemmuu Xijjoo jedhamutti kaabineen maqaan isaa Qaadir Baatii jedhamu Onkoloolessa 13, 2024 ilmaan keessan guyyoota lama keessatti waamtanii hin galchitan taanaan tarkaanfii ajjeechaa fi qabeenyaa saamuu akkasumas barbaadeessuutu isin irratti fudhatama jechuun akeekkachiisee deemuun beekamee jira.

Akkasumas, Onkoloolessa 21, 2024 Godina Arsii Lixaa aanaa Nageellee Arsii ganda Eddoo Jigeessatti maanguddoo umuriin isaanii ganna 90 fi 88 keessa jiru Obbo Nuuree Deebenaa fi Suyyum kan jedhaman qabanii waajjira gandichaatti doorsisa guddaa irraan ga’aniiru.

Maanguddoonni kun lamaan namoota hawaasa keessatti Jaalatamoo fi dhageettii uummata biratti qaban ta’uu himuun, murni maafiyaan kun namoota akkasii kana nurraa doorsisuu fi hidhuun akka nuti ulfinaaf kabaja isa biraa hin qabne nutti mul’isee jira jechuun jiraattonni aanichaa yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kennaniiru.

Exit mobile version