ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024
Murni impaayeera Itiyoophiyaa bulchaa jiru abbaan irree koloneel Abiy Ahimed uummata harka duwwaa waraana itti bobbaasuun saamicha hawaasa irratti geessisaa kan jiru uummata qabeenya isaa guutuu irraa saamsisuun harka duwwaatti hambisee Oromoo qe’ee ulfinaa salphisaa jira.
Haaluma kanaan Onkoloolessa 19, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Biduu Baalaa keessatti meeshaalee mana keessatti hawaasni nyaata irratti dhiheeffatu irraa kaasuun hanga loonii fi maallaqaatti saamanii jiru.
Namoota saamichi irratti raawwatamee keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Jeeluu Maam jalaa lukkuu 3,
- Muktaar Abdurroo jalaa qarshii 4000,
- Aadde Amiidaa jalaa lukkuu 5 fi uffata keeshaa 1,
- Jabboo hamidoo jalaa lukkuu 3,
- Hamidoo Ahimed jalaa lukkuu 4,
- Bashir Sulxii jalaa Tumaalessa re’ee 4,
- Kiyaarii Hamidoo jalaa Soolaarii manaa tokko,
- Haji Tamaam Huseen jalaa damma baaldii 2,
- Saafi Haaji Ahimed jalaa qarshii 2,500 kan fudhatan ta’uun beekameera.
Ganduma kana keessatti Masjiida dhaquun soolaaraa fi afaa irratti sagadaan masjiida keessaa fudhatanii jiraachuu jiraattonni dubbataniiru.
Akka jiraataan aanicharraa dubbisne tokko jedhutti, maatiin qabeenya isaanii guutuu dhabuun waan ittii jiraatu dhabee gargar faca’aa jiraachuu fi namoota irra deemanii kadhachaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

