ONM-ABO Muddee 6, 2025
Godina Arsii Lixaa aanaa Qoree gandoota hedduu irraa murni Bilxiginna dargaggoota maallaqaan goyyomsuu fi humnaan walitti qabuun dirree waraanaatti erganii irbaata rasaasaa gochuuf qophii irra jiraachuun ifoomeera.
Haaluma kanaan, aanaa Qoree gandoota hedduu irraa dargaggoonni 105 ta’an erga isaan maallaqa 40,000 kaffalaniifii booda ji’a darbe Sadaasa 29, 2025 harkaa miliqanii kan badan yoo ta’u, dargaggoonni achi keessatti hafanis fedhii qabaataniif hafan osoo hin taanee akkaataa keessaa itti miliqan tolfachuu irratti hojjechaa akka jiran maddeen dhimma kanatti dhiyoo ta’an Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.
Aanicha keessatti yoo xiqqaate marsaa tokko qofa dargaggoota 125 walitti qabanii kan turan yoo ta’u, erga warri kaan badanii kaasee dargaggoota achi keessatti hafan irraa maallaqas deeffachuun isaanittis eegumsa cimsanii nutis ni banna jettanii yoo sochii gootan akka lubbuun keessan ba’u baraa jechuun doorsisaa akka jiran i dabaluun eeraniiru.
Maallaqni isaan amma dargaggoota kanaan bitaa jiran ji’oota darbe keessa maqaa aanicha keessatti misooma eegaluu barbaanna innis maallaqa waan nu gaafateef qarshii kennaa jechuun hawaasa dirqamsiisanii irraa guuraa turuun, amma immoo ilmaanuma isaanii deebisanii maallaqaan goyyomsuun bitanii dirree waraanaatti bobbaasuuf yaalaa jiraachuu fi maallaqni misoomaaf oolu sun dhumeera waan ta’eef ammas dabalataan guurra jechuun hawaasa doorsisaa jiraachuu eeraniiru.
Oduu biroon immoo, godinichuma aanaa Arsii Nageellee magaalaa Nageellee keessatti loltoonni Bilxiginnaa Muddee 4 ijoollee umriin 15 gadii magaalaa keessaa konkolaataa lakk. gabatee isaa 87892’tti guuruun osoo haadholiin ijoollee kanneenii boossee kadhattuu waajjira poolisii aanaatti ukkaamsanii jiraachuu jiraattotni ibsaniiru.
Aanichatti ijoollee umriin isaanii waraanaaf hin geenye hedduu dirqamaan haadhaa fi abbaa jalaa guuruun dirree waraanaatti erguuf waajjira poolisii aanichaatti hiraarsaa akka jiran jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni impaayera bututee kufuuf jedhu impaayera Itoophiyaa utubuuf halkanii fi guyyaa dhama’aa jiru Bilxiginnaan nama fedhii fi jaalalaan impaayerattii tiksu dhabuun, kutaalee Oromiyaa iddoo garaa garaatti uummata humnaan ukkaamsuun gara mooraa leenjiitti erguun qawwee itti kennanii saba irraa dhalatan akka lola gochaa jiru.

