Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti murni PP dargaggoota 3 ajjeesuun 2 yoo madeessan, kanneen biroo ammoo dirqiin adda waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Ebla 29, 2025 

Murni Bilxiginnaa guyyaa dhufee darbuun gadda manneen ilmaan Oromootti uwwisaa oolu, aanaa Gadab Hasaasaa keessatti dargaggootaa umuriin isaanii leenjii loltummaaf hin geenye adda waraanaatti guuruu hammeessaa kan jiruu fi qabee mana hidhaatti galchaa kan jiru oggaa ta’u, dargaggoota hidhamanii jiran keessaa Ebla 26, 2025 maqaa mana hidhaa cabsatanii baatan jedhuun warra hin feene rasaasa irratti roobsanii 3 ajjeesanii 2 madeessuu maddeen ONM’tti himan.

Kana malees gandoota baadiyyaa hedduu keessatti dargaggoota ukkaamsuun cimee kan itti fufee jiru oggaa ta’u, keessattuu onoota godinichaa kanneen akka, Shaashamannee, Negellee Arsii, Qoree, fi Kofalee keessatti daran hammaatee jiraachuu itti dabaluun eeraniiru.

Xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne ilmaan Oromoo cufa soora rasaasaa gochuuf kan dhama’u, faashistichi abbaa irree impaayerattii teessoo barcuma siyaasa isaa ittiin eeggachuuf jecha lubbuu ilmaan hiyyeessaa dhabamsiisaa kan jiruu fi afaan qawwee fayyadamuun abbaa irrummaa isaa uummata Oromoo irratti jabeessaa jiraachuun kan beekamuudha.

Exit mobile version