Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab-Hasaasaatti dargaggoota humnaan waraanatti guuruun jabaatee jira 

ONM-ABO Ebla 29,2025 

Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa bulchiinsa magaalaa aanichaatti Ebla 28, 2025 murni badee balleessaan impaayera Itoophiyaa of harkaa qabuu fi kan mirgi dhala kabajuu hin feene PPn sodaa lolli kallattii maraan impaayerattii mudachuutti jiruun rifaatuu kan seene humna waraanaatu na harkatti xiqqaate yaaddoo jedhuun hawaasa Oromoo dirqisiisee gara mooraa leenjiitti erguuf qeerroo, qarree, daa’imman fi maanguddoo jedhee osoo adda hin baasin humnaan guuruun waajjira keessatti walitti qabee yoo isin waraana ta’uu baattan isin ajjeesna jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Haaluma kanaan Ebla 26, 2025 hidhamtoonni waajjira poolisii aanichaa keessatti walitti qabamanii turan cabsanii baanaan humni waraanaa magaalichaa immoo dhukaasa irratti banuun lubbuu namootaa fi qabeenyaa hedduu gaaga’ama irraan gahee jiraachuu gabaasuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, akkuma kanaan osoo uummanni deebi’ee hin tasgabbaa’in ammas humnaan uummata walitti guuruun waajjiruma sana keessatti reebichaan miidhaa jiraachuun dhaga’amee jira. 

Akka maddeen jedhanitti Ebla 28 namoota magaalaa keessa socho’an guutummaa isaanii ukkaamsanii waajjiratti naquun namoota gariin gad lakkisanii kanneen waraanaaf ni ta’u jedhanii amanan ammoo achi keessatti kan hambifatan yoo ta’u, maatiin dargaggoota kanneenii yaaddoo hamaa keessa seenanii jiraachuun beekameera.

Exit mobile version