ONM-ABO Fulbaana 17, 2025
Fulbaana 14, 2025 aanaa Gadab Hasaasaa magaalaa Nageellee jedhamtu keessatti namoota harka qalleeyyii meeshaalee xixiqqoo karaa irra deemanii gurguratanii fi karaa gubbaa taa’anii kophee qulqulleessuun jireenya ofii gaggeeffatan harkaa maallaqaa isaan hojjetanii oolanii fi meeshaalee saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoonni kunneen hojiidhuma kana hojjetanii jireenya ofii kan gaggeeffatan yoo ta’an, “isin daldaltoota seeraan alaati” jechuun jala deemtuuwwan Bilxiginnaa meeshaalee isaanii harkaa fudhachuu, waan nyaatanii dhuganis fuudhanii fayyadamuun, kaan immoo jalaa balleessanii deemuun ifoomeera.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen daldala seeraa itti baafachuuf maallaqa kan hin qabne ta’uu fi hojiin isaan daldala seeraa itti baafatanis guddaa kan hin taane ta’uu himuun, ergamtootni kunneen sababuma godhatanii ittiin galii sassaabbachuun liqii IMF ofirraa cifaa fi meeshaalee waraanaa ittiin bitachuuf itti yaadanii hojjechuun uummatatti jireenya hadheessaa jiraachuun jiraattotni itti dabaluun himaniiru.

