ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024
Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuu fi gargaartu jedhu uummata nagaa irratti maxxansuun lukkeeleen bilxiginnaa har’a Oromiyaa keessatti guyyuu uummata nagaa dhorkachuun gochoota gara badiitti uummaticha geessan raawwachaa oolu.
Qawwee of harkaa qabanitti dhimma bahuun doorsisanii uummata akka barbaadan gochaa kan jiran gareen ani nageenya uummataan eega jedhu faallaa isaa ammoo jiruuf jireenya hawaasaa barbadeessaa oola.
Onkolooleessa 3, 2024 godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Hulluuqqoo fi Shaashee jedhamu keessatti hidhattoonni sirnichi qe’ee uummataa akka goolaniif bobbaase kunneen saamicha qabeenyaa kanneen akka midhaanii qabee hanga maallaqaa saamuu akkasumas namoota jumlaan hidhuu, horii hawaasaa qalatanii nyaachuu fi manneen gubuu ganda kana keessatti raawwataniiru.
Namoonni manneen irraa gubatan maqaan:
- Huseen Burqaa,
- Amaanoo Saaddoo,
- Loloo Haaji Kadiroo,
- Muhammad Haaji Kadiroo,
- Huseen Haaji Kadiroo,
- Muktaar Haaji Kadiroo,
- Jamal Haaji Kadiroo,
- Haaji Kadiroo Tiksichaa,
- Gariyyoo Horatoo,
- Muhaammad Gariyyoo,
- Adam Gariyyoo,
- Musxafaa Gariyyoo,
- Gammadaa Tuyyee,
- Qaasim Gammadaa,
- Musxafaa Qaasim,
- Idris Qaasim,
- Saadam Qaasim,
- Leenjiso Horatoo,
- Guddaatoi Leenjiso,
- Bakar Leenjiso,
- Jamal Leenjiso fi
- Rashiid Leenjisoo kanneen jedhamanii dha.
Namootni kunneen mi’a mana keessaa waliin kanneen manneen isaanii gandoota lameen Shaashee fi Hulluuqqoo keessatti gubatee barbaada’eedha.
Gandootuma armaan olitti eeraman kanneen keessaa namoota maqaan isaanii:
- Loloo Haaji Kadiroo sangoota lama
- Ahimed Dafoo dangaa tokko
- Muktaar Haji Kadiroo hoolota 5 fi
- Huseen Haaji Gishuu hoolota 3 jalaa saamuun dabaree dabaree qalatanii nyaachaa akka jiranis ibsuun nama maqaan isaa
- Muhaammad Abee jedhamu jalaa ammoo midhaan kiiloogiraama 100 fudhatanii jiru jechuun jiraattonni gandoota lameenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

