Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa keessatti dhiittaan mirgoota namoomaa uummata nagaa irratti raawwatamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Ebla 16, 2024

Dhiibbaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa Oromiyaa keessatti gurmuu ajjeestotaa koloneel Abiy Ahimed qindeesseen raawwatamu  jabaatee jiraachuun uummanni nagaan hojii dhuunfaa isaa irratti bobba’ee jiraatu rasaasa sirnichaan guyyuu waadamaa oola.

Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa ganda Coofira Shaashee fi Coofira Hulluuqqoo jedhamu keessatti torban darbe keessa ajjeechaa suukkaneessaan raawwatamuun himama.

Ajjeechaan kun namoota maqaan isaanii Muusaa Burqaa fi Nabiyyuu Burqaa jedhaman irratti yoo raawwatamu, guyyaa kabaja ayyaana Musiliimaa Ebla 10, 2024 darbes dirree Iidaa irratti Jibiril Kinnisoo kan jedhamus ajjeesuun akka gatan ifoomsaniiru.

Maatiin ajjeechaan irratti raawwatames qabeenyaan isaanii waraana gabroomsaa PP’n akka saamames itti dabaluun himaniiru.

Jiraattonni godina Arsii lixaa ONM dubbise akka himanitti namoonni nagaan manaa ba’anii galuun itti ulfaatee jiraachuun haalli nageenyaa fi qaala’iinsa jireenyaa sirnichaan itti dhufee jiruun dararama ulfaataaf saaxilamee jiraachuus ifoomsaniiru

Exit mobile version