ONM-ABO Fulbaana 7, 2024
Waraanni namuusni waraanummaa irraa hin mu’annee fi naatoo namaaf hin qabne kunneen akka waan uummatni Oromoo gidiraa fi roorrifama koontiraata fuudheetti fudhachuun gochoonni isaan guyyaa irraa gara guyyaatti uummata kana irratti dalagaa oolan kan uummatichi akka bara isaa guutuu ol hin jennetti irratti raawwatamaa jiru akka ta’e ni beekama.
Godaannisni murni bilxiginnaa ani Oromoodha ofiin jechaa uummata kana hundeen balleessuuf irratti hojjechaa jiru kan yoomuu hin dagatamne yoo ta’u godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Hulluuqqoo keessatti uummata nagaa irratti qawwee dhukaasuun manaa ari’anii manneen isaanii sakkatta’aa turuu jiraattonni himan.
Boodarra erga sakkatta’anii homaa dhabanii booda mana Obbo Siraaj Haji Jawaaroo meeshaa mana guutuu waliin ibidda itti shidanii barbaadeessuu jiraattonni dabaluun ibsaniiru.
Isaaf maatiin isaa yeroo ammaa bakka bultii, uffannaa, nyaataa fi dhugaatii dhabuun haala yaaddessaa keessa jiraachuu fi osoon ijaarradhee qabuun mana koon ala ta’e jechuun halkaniif guyyaa gaddaa fi boo’ichaan jiraachaa jirus jedhaniiru.
Fulbaanuma 5, 2024 aanaa Qoree keessattis maqaa sakkattaa geggeessinaan namoota sabboonummaa qaban irratti reebichaa fi saamicha daangaa hin qabne irratti raawwachaa turuu fi uummanni shororkaa hamaa keessa galee jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

