ONM-ABO Fulbaana 10, 2024
Qe’een uummata Oromoo nagaa dhabuun galgalaa ganama boo’ichi fi ibiddi keessaa kan laboobu yoo ta’u, namoonni danuunis osoo ijaarratanii qabanii mana isaaniin ala ta’uun bakkeetti bahanii jiruu kadhaa fi gidiraa hamtuu dhandhamaa jiru.
Egeree uummata Oromoo kan dukkaneesse murni maqaa Oromoon aangoo irra jiru Bilxiginnaan lafa socho’u cufatti qe’ee hawaasa nagaa daaraa gochuu bira darbee uffata ittiin qaama ofii dhokfatan akkasumas, midhaanuma nyaatanii du’a ittiin oolan illee cubbuu sodaachuu dhiisuun gubanii mana waliin barbaadeessaa jiru.
Fulbaana 7, 2024 godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasa ganda Fuccoo Kaakkaa jedhamuun beekamu keessatti sababa Oromummaa qofaan yakkuun loltoonni sirnichaa hariiroo WBO qabduu fi shakkii isin irraa qabna jechuun qabeenya guutuu wajjiin manneen qonnaan bultoota maqaan isaanii Hajii Tufaa, Fayyisoo Tufaa, Harasuu Tufaa, Jaawaroo Waaqayyoo fi Jamaal Guutii jedhaman mana isaanii irraa gubanii barbaadeessuu dubbatu.
Namoonni kunneen qonnaan bultoota hojii qonnaa qofa irratti bobba’uun jiraatan kanneen maalummaa siyaasaa hin beekne ta’uus himuun, ilaalchi Bilxiginnaa uummata gaaga’ama jireenyaa keessa galchee of jalatti harka kennachiisee bulchuu akka ta’e dabaluun ibsaniiru.

