Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa keessatti namoonni ajjeechaa jumlaa fi gubaatii manneen namootaa akkasumas, hidhaa hawaasa irratti raawwachiisan maqaan ifoome

ONM-ABO Ebla 13, 2024

Akkuma sadarkaa qondaaltota ol-aanoo impaayerattiin ajjeechaan namoota nagaa irratti akka raawwatamu murteeffamee hojjetaa jiran caasaa isaanii sadarkaa godinaa hanga aanaatti diriirsuun ajjeechaa itti fufsiisanii jiru.

Namoonni qondaaltota olaanoo impaayerattii irraa ajaja fudhachuun godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa keessatti humna waraanaa PP’f eeruu kennuun ajjeechaa, gubaatii manneenii, hidhaa akkasumas namoota achi buutee dhabamsiisaa jiran keessoo isaaniitii namni tokko ONM’tti himeera.

Namoonni kunneenis Abdurrahmaan Nageessoo Jawaaroo Itti gaafatamaa IMX aanaa, Jamaal Galatuu hojii kan hin qabnee fi hojiin isaa eeruu kennuu ta’e, Muusaa Shibbiruu bakka bu’aa Paartii Badhaadhina ganda Xiijoo Qeerransaa, Yuusuuf Abdulqaadir Liigii Dargaggoota ganda Xiijoo Qeerransaa fi Huseen Aabbuu Bulchiinsaa fi Nageenya Ganda Xiijoo Qeerransaati.

Akka maddi keenya kun jedhetti ajjeechaa namoota nagaa irratti adda durummaan dirqama fudhatanii hawaasa gidirsaa kanneen jiran warreen kana ta’uu eerera.

Dabalataan uummanni Oromoo aanichaa jarreen kana irraa akka of eeggatuu fi lubbuu qulqulluu dhangalaasiisaa turan, gubaatii manneen qonnaan bultoota akkasumas achi buutee dhabamuu namootaaf itti gaafatamoon jarreen maqaan isaanii eerame kana ta’uu dagachuu akka hin qabne dhaamaniiru.

Exit mobile version