Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab – Hasaasaa keessatti hidhaan namoota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 27, 2024

Murni bilxiginnaa badii tokko malee namoota nagaa dararuu hojii isaa hangafaa godhachuun hidhaa, saamicha, buqqaatii fi ajjeechaa raawwachuu jabeessee jira.

Adooleessa 24, 2024  ergamtoonni sirnichaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Nageellee Sigaaloo jedhamu keessaa maqaa WBO waliin hariiroo qabduutiin namoota saddeet hidhanii jiraachuun beekame.

Namoonni yeroo ammaa kana mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiranis maqaan isaanii: 

  1. Tamaam Sheek Kadir
  2. Haajii Hayaatoo Daddaffoo
  3. Haajii Waaqee Galatoo
  4. Haajii Qebaloo Galatoo
  5. Abbaa Jabbaar Huseen
  6. Mubaaarik Mahaammad 
  7. Haajii Abduroo Muddaa fi
  8. Haajii Gadaa  yoo ta’an, 
  9. haadha manaa Haajii Gadaas reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhanii jiraachuu  maddeen dabaluun addeessanii jiru. 

Namoota kanneeniin waan kanaan dura hojjettan amanaa jechuun waan isaan hin dalagneen reebicha humnaa olii irraan gahaa jiraachuu fi namoonni kunneenis reebicha hamaa irratti raawwatameen hedduu dhukkubsachaa akka jiran dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version