Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa keessatti manneen qonnaan bultoota hedduu hidhattoota murna bilxiginnaan gubachuun barbaada’e

ONM-ABO Bitootessa 27, 2024

Hidhattootni murna bilxiginnaa Oromiyaa keessatti bobbaafamanii jiran guyyuu gochoota uummata Oromoo hiyyummaatti hambisanii fi egeree sabichaaf yaaddoo ta’u dalaguun uummanni Oromoo gaaga’ama hamaa keessa galchaa jiru.

Waraanni faashistii kun namoota lakkoofsaan dhibbootan lakkaa’aman baroota kana qofa keessa qofa manneen isaanii irratti gubuun manaa ala ta’anii bakkee keessa faca’anii jiraachuu fi harka namaa ilaaluuf dirqisiisanii jiru.

Addatti waggaa tokkoo asitti gubaatiin manneen namoota nagaa irratti godina Arsii lixaa aanaa Gadab Hasaasaa keessatti geggeeffamaa jiruun uummanni hedduun rakkoo mana jireenyaaf saaxilamuun gidiraa hamtuu keessummeessaa jiru.

Dilbata darbe Bitootessa 24, 2024 aanichuma ganda Coofiraa keessatti manneen qonnaan bultoota hedduu hidhattoota sirnichaan gubachuun barbaada’eera.

Namoonni manneen isaanii jalaa gubatee kunneenis maqaan isaanii Amaan Badhasoo, Abuunaa Badhaasoo, Fayyuu Badhasoo, Badhasoo Haaji Faanoo, Badhaatuu Galatoo, Abdanee Badhasoo, Abdoo Haji Faanoo, Amadoo Loloo, Galatoo Loloo, Muudi Burqaa, Aashim Muudii, Tolaa Muudii, Baakaro Leenjisoo, Guddataa Leenjisoo, Abdurhamaan Gariyoo, Hedoo Shoolaa Hajii Tufaa, Hajjii Gishee, Haajoo Gishee, Hasan Jiloo, Jiloo Korree, Haajiyaa Ganamoo fi Bashiiroo Curisoo kanneen jedhamaniidha.

Namoonni manneen isaanii jalaa gubatee kunneen qonnaan bultoota yoo ta’an namoota hojii qonnaa dalaguun ofii fi maatii isaanii jiraachisan ta’us, hidhattootni ganda kanatti bobbaafaman maqaa WBO deggertu jedhuun, mi’a mana keessaa tokko osoo hin baasiniif akka jalaa gubanii barbaadeessan jiraattootni kunneen ONMtti himaniiru.

Exit mobile version