ONM-ABO Bitootessa 23, 2024
Ajjeechaa raawwachuun cinaatti qabeenyaa uummatichaa ibiddaan gubanii barbadeessuun jiruu gadadootti hambisuuf akkasumas harka namaa ilaalchisuuf irratti bobba’anii kan jiran hidhattootni murna bilxiginnaan bobbaafaman guyyuu gochoota ciggaasisoo hawaasa abdii kutachiisan raawwachaa jiru.
Bilxiginnaan yaaddoo guddaa waggoota shanan darbanii kaasee uummata Oromootti ta’uun kan beekamu yoo ta’u, Arsii lixaa aanaa Gadab Hasaasaa ganda Fucoo Kaakaatti guyyaa kaleessaa Bitootessa 22, 2024 manneen qonnaan bultoota 28 ibiddaan gubanii barbadeessuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattotni kunneen jedhanitti namootni manneen isaanii jalaa gubate kunneen mi’a mana keessaa dabalatee kan jalaa gubanii barbaadeessan yoo ta’u, yeroo ammaas haalli isaan keessa jiran akkaan yaaddessaa ta’uus himan.
Dabaluun akka jedhanitti ani Oromoodha ofiin jechaa uummata Oromoo irratti gochoota jibbisiisoo kana fakkaatu raawwachuun isaanii seenaadhuma impaayerattii keessatti kan bara bilxiginnaa kun mootummoota abbaa irree darbaniin illee kan raawwatamee hin beeknes jedhaniiru.

