ONM-ABO Adoolessa 19, 2023
Haawasni Oromoo leellistoota sirna mootiitiin darara hamaan irra ga’uu itti fufuun caasaan bilxiginnaa cunqursaa geggeessaa jiraniin cinaatti lafaa fi qabeenya hawaasichaa bu’uura seeraa malee saamaa jiru.
Saamichi lafaa fi qabeenyaa mana keessaa murna biltsigginnaan hawaasa Oromoo irratti jabaate kun godina Arsii lixaa aanaa Gadab Hasaasaa keessatti yoo ta’u, caasaa fi waraana maafi’aa PP manneen namoota maqaan isaanii Hajii Duubee, Ida’oo Rabbituu fi Jaarsoo Diqqiloo jedhaman guyyaa saafaa naannoo sa’a 8:00tti oli itti maqaa investimentiin jalaa diiganii jiru.
Namootni kunneen investimentiin fudhachuufis seeraan gaafatanis deebii hin arganne.
Ajajni qabeenya namootaa saamuu kun kan dhufe mootummaa Federaalaa irraa akka ta’ee fi dura bu’uummaan gochoota badii kana raawwachiisaa kan jiru obbo Awwal Abduu itti aanaa Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa akka ta’e barameera.
Awwal Abduu armaan dura nama Haji Weebil jedhamu magaalaa Hasaasaa keessatti bobbaasuun daldalaa kan ture yoo ta’u, namootni sana irratti dammaqnaan yeroo ammaa nama Ida’oo Galatoo jedhamu waliin hojjechaa jira.
Akka kanaanis Awwal Abduu karaa obbo Ida’oo Galatoo lafa waajjirri qonnaa of harkaa qabu heektara hedduu irraa dhuunfatanii jiraachuu maddeen aanaa Gadab Hasaasaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

