ONM-ABO Amajjii 10, 2024
Oromiyaa keessatti uummanni Oromoo bara dhufaa darbaa moototii impaayerattii bulchaa jiraniin qe’ee isaa irratti kabaja dhabuun qabeenya dafqa isaa itti cobsee horate hidhattoota safuu fi kabaja hawaasa keessaa dhalataniif hin qabneen yeroo ammaa qe’ee fi qabeenyi isaa harka saamamaa jira.
Haaluma kanaan gaafa Wiixata Amajjii 7, 2024 Arsii lixaa aanaa Gadab hasaasaa ganda Hulluuqqoo keessatti waraanni sirnichaa uummata gadda taa’aa jiran irratti dhukaasa banuun qabeenya hawaasni sun qabatee ture kanneen akka maallaqaa fi bilbilaa harkaa dabalatee saamuun gariin reebicha irratti raawwachuu jiraattotni himu.
Gabee Waaqee nama kan jedhamu qaama miidhamaa kan kiraanchiin okkolu reebicha hamaa irratti raawwatameen mata keessa buruksuun du’aa fi jireenya gidduutti gatanii deemu maddeen kun dabaluun ibsaniiru.
Aanicha keessatti ajjeechaan dangaa hin qabne illee guyyaa guyyaan hidhattoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatamaa kan jiruu fi uummanni aanichaas rakkoo hamtuu keessa akka jiran dabaluun dubbatu.

