Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab-Hasaasaa keessatti uummata nagaa hidhuu fi reebuun garee bilxiginnaan jabaatee jira

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2024  

Murni garboomsaan afaaniin Oromoodha ofiin jedhu Oromoo Oromoota irratti ijaaruun namoota Oromummaa isaaniif hadheeffatee akka isaan badan taasisuuf hidhaa, ajjeesaa, qe’eef qabeenya isaanii irraa barbadeessuun gocha aadaa fi safuu hawaasichaa cabsu irratti raawwachuun akka isaan  bulchiinsa isaa fudhataniif dirquun bahaa gala dhorkee hiraarsaa jira. 

Haaluma Kanaan Onkoloolessa 20, 2024 aanaa Gadab- Hasaasaa ganda Shaashee keessatti kaabinoota, waraana PP, basaasaa fi milishaa  gandichaa waliin ta’uun maqaa WBO wajjiin hidhata qabdu jedhuun hawaasa hidhuun reebicha itti jabeessanii jiru. 

Namoota reebamuun hidhaman keessaa kan maqaan nu ga’e: 

  1. Ayuubaa Mudee, 
  2. Fayisaa Hajjii Aniboo, 
  3. Safaayoo Woyoo, 
  4. Abdoo Dulaa, 
  5. Saaduu Fayisoo fi 
  6. Muzaayaan Makuraa kan jedhamaniidha.

Basaastota uummata irraa dhalataniif dhimma dhabuun diina wajjin ta’uun uummata oolmaaf bultii isaa hordofanii eeruu kennuun uummata adamsiisaa jiran keessaa kan maqaan nu ga’e:

1. Haji Kadir Ayyaannoo fi

2. Hajii Ukiif kan jedhaman yeroo ammaa kanatti magaalaa Hasaasaa  keessa jiraachaa kan jiran yoo ta’u, hawaasni keenya warri namoota kana beektan of eggaannoo akka gootan jechuun namoonni quba qaban dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Exit mobile version