Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab-Hasaasaa keessatti hortee abbaa tokkoo nama 23 hidhuu dabalatee aanaa Muneessaa keessattis hiraarfamni uummata nagaa irratti raawwatamu jabaate

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Murni abbaa irree kan afaan qawween ukkaamsee uummata bulchaa jiru maqaa WBO wajjin hidhata qabdu jedhuun hawaasa hidhuu, ajjeesuu, qabeenya gubuu fi saamuu hammeessee jira.

Onkoloolessa 25, 2024 Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Asaabalee jedhamu keessatti namoota hedduu reebaa kan oolanii fi hortee  warra tokkoo ukkaamsuun namoota 23 yeroo dheeraaf mana hidhaatti dararaa kan jiran ta’uun beekameera.

Haaluma wal-fakkaatuun Onkoloolessa 24, 2024 namoota sadii kanneen maqaan isaanii: 

  1. Misiraa Amaan Burqaa, 
  2. Jawaree Jamaal burqaa fi 
  3. Muhaammad Abee jedhaman kan abboota isaanii 

Onkoloolessa 10, 2024 nama torba iddoo tokkotti ajjeesanii akka hin awwaalamne gochuun warabeessa nyaachisanii turan, amma immoo ijoollee isaanii qabanii reebicha hamaa irraan ga’uun hidhanii isinis akka abboota keessan ajjeesne, isin ajjeesnee waraabeessa isin nyaachifna jechuun doorsisaa jiraachuu maddeen dabalataan ibsaniiru.

Namoonni Onkoloolesa 10, 2024 ajjeefaman: 

  1. Aliyyii Burqaa, 
  2. Muusaa Burqaa, 
  3. Jamaal Burqaa, 
  4. Kinniisoo Jibbaa, 
  5. Jibrilii Kinniisoo, 
  6. Abdullee Jaaroo Jiloo fi 
  7. Ashiim Galatoo kan jedhaman maatii hortee takkaa iddoo tokkotti ajjeesuun haala suukkanneessaan reeffa isaanii waraabessa nyaachisanii jiru.

Godinichuma aanaa Muneessaa ganda 01 keessatti nama maqaan isaa Maammaa Betoosaa jedhamu rasaasaan miilla isaa rukutanii ciisaa kan jiru yoo ta’u, namni isaa rukute Kaliil Abdoo hojjetaa waajjira qonnaa aanichaa kan ta’eedha. Namni Mahaammad jedhamu karaa darbaa osoo jiruu ati ilaalcha kophaa qabda jechuun rasaasaan rukutee jiraachuu isaa jiraattonni aanichaa dubbataniiru. 

Haaluma wal faakkaatuun aanaadhuma Muneessaa ganda Qoomaa Oochaa jedhamu keessatti kaabineen maqaa caasaa haaressaan aanaa irraa gandicha irra qubatte waraana waliin ta’uun halkanii fi guyyaa hawaasicha adamsuun reebuu fi mana namootaa keessaa maallaqa, lukkuu, killee, dhadhaa, nyaata, aannan, uffata, kophee, saamunaa fi meeshaalee faayaa addaa addaa  akkasumas wantoota isaan nyaataan dhiheeffatan hundaa jalaa guurrachuun  manneen hawaasaa duwwaatti hambisaa jiraachuun beekamee jira.

Exit mobile version