ONM-ABO Ebla 15, 2025
Aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamu irraa loltoonni bu’aa dhuunfaa isaanii qofaaf dhama’an yeroo yeroon maqaa adda addaa da’eeffachuun saamicha irratti bobba’anii kan turanii fi jiran, yeroo ammaa kana immoo maqaa “deggersa raayyaa ittisa impaayerattii” jedhuun nama tokko irraa afaan qawween dirqamsiisanii qarshii 600 saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees ergamtoonni Bilxiginnaa umurii impaayera bututtuu jiguutti dhiyaatte suphuuf jecha, kutaalee Oromiyaa cufa keessaa dargaggoota fedhii isaanii malee ukkaamsuun leenjii waraanaa ga’aa tokko malee meeshaa hidhachiisuun dargaggoota abdii fi egeree borii ta’an kichuutti harcaasaa jiran itti fufuun, gandoota aanaa Siraaroo jala jiran guutummaa keessatti ganda tokko irraa dirqamaan dargaggoota 30 akka qopheessaniif jaleewwan isaanii dirqamsiisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Murni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamuun, waa’ee dantaa saba irraa dhalatanii dhimma tokkollee dhabanii, qarshii guyyaa tokko illee nama hin oolchinee fi wabii jireenya isaaniif hin taaneen hawaasatti afaan qawwee garagalfachuun dararaa ulfaataa irratti geggeessaa jiru.

