• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Siraarootti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha raawwachuu fi dargaggoota gara leenjii waraanaatti guuruu jabeessanii itti fufan

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 15, 2025 

Aanaa Siraaroo ganda Lokkee Adaa jedhamu irraa loltoonni bu’aa dhuunfaa isaanii qofaaf dhama’an yeroo yeroon maqaa adda addaa da’eeffachuun saamicha irratti bobba’anii kan turanii fi jiran, yeroo ammaa kana immoo maqaa “deggersa raayyaa ittisa impaayerattii” jedhuun nama tokko irraa afaan qawween dirqamsiisanii qarshii 600 saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees ergamtoonni Bilxiginnaa umurii impaayera bututtuu jiguutti dhiyaatte suphuuf jecha, kutaalee Oromiyaa cufa keessaa dargaggoota fedhii isaanii malee ukkaamsuun leenjii waraanaa ga’aa tokko malee meeshaa hidhachiisuun dargaggoota abdii fi egeree borii ta’an kichuutti harcaasaa  jiran itti fufuun, gandoota aanaa Siraaroo jala jiran guutummaa keessatti ganda tokko irraa dirqamaan dargaggoota 30 akka qopheessaniif jaleewwan isaanii dirqamsiisaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

Murni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamuun, waa’ee dantaa saba irraa dhalatanii dhimma tokkollee dhabanii, qarshii guyyaa tokko illee nama hin oolchinee fi wabii jireenya isaaniif hin taaneen hawaasatti afaan qawwee garagalfachuun dararaa ulfaataa irratti geggeessaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading