ONM-ABO Muddee 2, 2023
Sochii qabsoo uummata Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa dhaamsuuf, koloneel Abiy Ahimed dabballoota isaa bifa adda addaan Oromoo irratti bobbaasee namoota isaaf amanaman, hawaasa Oromoo ija shakkiin ilaaluu hordofuu fi hordofsiisuun, hidhuun, dararuu fi ajjeesuun itti fufee jira.
Akkuma kanaanis godina Arsii bahaa aanaa Gololchaa ganda Jingaa Dhiibuu jedhamu keessatti waraanni maafi’aa PP, milishootaa fi kaadiroota sirna bilxiginnaa waliin ta’uun dirqamaan maallaqa tokko tokkoon namoota irraa qarshii 200 harkaa saamaa turuu dubbatu.
Dargaggoo maqaan isaa Aliyyii Ahimad jedhamus waraanni goolessaa kunneen yeroo maallaqa gaafatanitti homaa of harkaa hin qabu waan jedheef ati seelii WBOti jedhanii rasaasa itti dhukaasuun ajjeechaa yeroo irratti geggeessuuf yaalan lubbuun harkaa fiigee ba’uu isaa dabaluun dubbatu.
Dabalataanis godinuma Arsii bahaa aanaa Zuwaay-Dugdaa ganda Araxaa Cufaa jedhamu keessatti Sadaasa 26, 2023 Obbolessa Jaal Nadhii Gammadaa Kan maqaan isaa Abdullaziiz Hajii Usmaan jedhamu nama nagaa hidhannoo waraanaa homaa of harkaa hin qabne meeshaa waraanaatu mana kee Keessa jira jechuun yaalii ajjeechaa waraanni PP akka irratti geggeessantu himama.
Waraanni kunneen naannoo mana isaa halkan irraa toora sa’a 8:00tti deemuun maatii isaa biraa fuudhanii deemuun bakka waraanni bilisummaa Oromoo jiru nu geessi jechuun halkan guutuu hiraarsaa turuu dabaluun maddeen ibsu.

