Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii  Bahaa aanaa Gololchaa keessatti hidhaan murnoota PP’n jiraattota irratti jabaate

ONM-ABO Hagayya 20, 2024

Murni badee balleessaan bilxiginnaa afaaniin Oromoof dhaabbanna jechaa afaan qawween immoo uummata Oromoo duguugaa kan jiru yoo ta’u, gochoota badii sabicha irratti raawwachaa jiru kanas gama hundaan jabeessee jira.

Haaluma kanaan Godina Arsii Bahaa aanaa Gololchaa keessatti dargaggoota Oromoo badii tokko malee baatiiwwan 3’f gaaffii seeraa malee Waraana Bilisummaa Oromoof maallaqa guurtu jechuun hidhanii dararaa jiru. 

Maqaan namoota hidhamanii jiranii kunneenis: 

  1. Miisbaayi Taaddasaa, 
  2. Ziyaad Jamaal, 
  3. Seeyifaa Aliyyii, 
  4. Shaffis, 
  5. Ziyaad Jaldii, 
  6. Aliyyii Jawaar, 
  7. Jamaal Hamiidoo fi 
  8. Adam Goolee kanneen jedhaman yoo ta’an namoonni ammaaf maqaan nu hin  ga’in lamas hidhamanii jiraachuu maddeen gabaasan.

Dargaggoota kana hiisisuun dararaa agarsiisaa kan jiru bulchaa aanichaa Waasim Ibroo nama jedhamu ta’uu maddeen dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version