ONM-ABO Fulbaana 21, 2024
Loltoonni bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo sobaan yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu fi erga hidhanis ji’oota hedduuf mana hidhaatti garmalee dararuun guyyaa irraa gara guyyaatti jabaatee itti fufee jira.
Haaluma kanaan, aanaa Gololchaa magaalaa Haroo jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Misbaa Shimallis
- Ziyaad Jamaal
- Seeyfaa
- Shariifii fi walumaagalatti namoota sagal kanneen ta’an ukkaamfamuun gaaffii seeraa tokko malee erga hidhaatti darbatamanii ji’oota shan lakkoofsisanii jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan himan.
Akka namoonni kun jedhanitti, namoonni salgan kunneen kanneen siyaasa kam keessa hin jirre ta’uu fi loltoota Bilxiginnaan ukkaamfamuun hanga ammaatti gaaffii seeraa tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf dararamaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

