ONM-ABO Fulbaana 5, 2024
Magaalotaa fi baadiyyaa Oromiyaa cufa keessaa loltoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo sobaan yakkanii ukkaamsuun hidhaatti erga darbatanii booda ji’ootaa fi waggootaaf garmalee dararaa jiraachuu fi achi buutee faana isaanii dhabamsiisuun cimee itti fufee jira.
Haaluma kanaan, magaalaa Buraayyuu keessatti waraanni maafiyaa PP dargaggoota ukkaamsanii hidhaatti darbachuun ji’oota hedduuf garmalee dararuun lubbuu isaaniif firootni yaadda’aa jiraachuun barame.
Ji’oota afur dura badii tokko malee magaalaa Buraayyuu keessaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun dargaggoota hedduu ukkaamsuun gaaffii seeraa tokko malee dararaa jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan ni himu.
Akka maddeen jedhanitti, dargaggootni kun waajjira poolisii Malkaa Gafarsaa fi waajjira poolisii Gafarsa Noonnoo jedhamu keessatti garmalee dararamaa jiraachuu dubbatu.
Magaalicha keessaa dargaggoonni hedduun ukkaamfamuun ji’oota hedduuf hidhamanii gochoota suukkaneessoo adda addaa argaa jiraachuun illee itti dabaluun ibsameera.

