ONM-ABO Fulbaana 19, 2024
Loltnoonni bilxiginnaa magaalota Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo badii tokko malee yakkee ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa kan jiru yoo ta’u, addatti immoo artistootaa fi dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun ukkaamsanii mana hidhaatti darbachuun ji’oota hedduuf hidhanii garmalee dararuu cimsanii itti fufanii jiraachuun beekamee jira.
Haaluma kanaan, handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee irraa ergamtoonni sirnichaa artistoota Oromoo adamsuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuun ibsameera.
Yeroo garaa garaatti loltoonni bilxiginnaa artistoota Oromoo maqaa “wallee keessaniin hawaasa dadammaqsitu; hawaasa kakaastu” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii qabuu amaleeffataniiru.
Akka kanaanis artistoota maqaan isaanii:
- Weellisaa Jigsaa Bantii,
- Weellisaa Booree Gammadaa,
- Weellisaa Taammiraat Tolasaa fi kanneen biroo hedduun sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf magaalaa Finfinnee keessatti loltoota Abiy Ahimediin ukkaamfamuun ji’oota hedduuf garmalee dararamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Magaalaa Finfinnee keessaa hojii dhuunfaa isaanii hojjechuuf dargaggoota daandii irra deeman ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa kan jiranii fi sababa afaan Oromoo dubbatan qofaaf ilmaan Oromoo adamsanii achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun ibsamee jira.

