ONM-ABO Fulbaana 3, 2024
Ergamtootni Bilxiginnaa magaalota Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo badii tokko malee yakkanii qabuun achi buutee dhabamsiisuun, addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan qabanii mana hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun eeramee jira.
Haaluma kanaan, handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee irraa ergamtoonni sirnichaa ilmaan Oromoo adamsuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuun maatiin deddeebi’ee gaafachuuf dararamaa jiraachuun barameera.
Torbee 2 dura shamarree maqaan ishee Ayyaantuu jedhamtu osoo isheen daandii irra deemtuu loltoota sirnichaan magaalaa Finfinnee keessaa badii tokko malee qabamuun achi buutee dhabamtee jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ibsan.
Magaalaa Finfinnee keessatti ergamtootni bilxiginnaa hundi dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan qabanii yakkuun mana hidhaatti darbatanii, achiis baasanii achi buutee isaanii dhabamsiisaa kan jiranii fi fedhii isaanii malee humnaan qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa jiraachuun ibsamee jira.

