Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Finfinnee keessaa dargaggoota Oromoo ukkaamsuun hidhaatti darbachuun garmalee hammaate

ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2024 

Loltoonni bilxiginnaa magaalota Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo badii tokko malee yakkanii ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa kan jiran yoo ta’u, addatti immoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan qabanii mana hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun eeramee jira.

Haaluma kanaan, handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee irraa ergamtoonni sirnichaa ilmaan Oromoo adamsuun ukkaamsanii hidhaatti darbataa jiraachuun ibsameera.

Torban darbe keessa magaalaa Finfinnee keessaa dargaggoon maqaan isaa Margaa Tamasgeen jedhamu osoo bakka hojii isaa dhaquuf daandii irra deemuu loltoota sirnichaan magaalaa Finfinnee keessaa badii tokko malee qabamuun hidhamee dararamaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Magaalaa Finfinnee keessatti murnoonni bilxiginnaa hundi dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan ukkaamsuun sobaan yakkanii mana hidhaatti darbachuun achi buutee isaanii dhabamsiisaa kan jiranii fi fedhii isaanii malee humnaan qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa jiraachuun isaanii ibsamee jira.

Exit mobile version