• Fri. Mar 13th, 2026

Magaalaa Buraayyuu keessatti waraanni maafiyaa PP dargaggoota ukkaamsanii hidhaatti darbachuun ji’oota hedduuf garmalee dararaa jiraachuun himame

Sep 5, 2024

ONM-ABO Fulbaana 5, 2024

Magaalotaa fi baadiyyaa Oromiyaa cufa keessaa loltoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo sobaan yakkanii ukkaamsuun hidhaatti erga darbatanii booda ji’ootaa fi waggootaaf  garmalee dararaa jiraachuu fi achi buutee faana isaanii dhabamsiisuun cimee itti fufee jira.

Haaluma kanaan, magaalaa Buraayyuu keessatti waraanni maafiyaa PP dargaggoota ukkaamsanii hidhaatti darbachuun ji’oota hedduuf garmalee dararuun lubbuu isaaniif firootni yaadda’aa jiraachuun barame.

Ji’oota afur dura badii tokko malee magaalaa Buraayyuu keessaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun dargaggoota hedduu    ukkaamsuun gaaffii seeraa tokko malee dararaa jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan ni himu.

Akka maddeen jedhanitti, dargaggootni kun waajjira poolisii Malkaa Gafarsaa fi waajjira poolisii Gafarsa Noonnoo jedhamu keessatti garmalee dararamaa jiraachuu dubbatu.

Magaalicha keessaa dargaggoonni hedduun ukkaamfamuun ji’oota hedduuf hidhamanii gochoota suukkaneessoo adda addaa argaa jiraachuun illee itti dabaluun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading