Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu keessatti namoonni sobaan yakkamuun ji’oota hedduuf dararamaa jiran nyaata lagatan

ONM-ABO Hagayya 14, 2024

Waraanni imphaayera Itiyoophiyaa namoota nagaa jiruu fi jireenya mataa isaanii jiraatan irra yakkoota barbaadanii yommuu irraa dhaban ofii isaaniin yakkoota uummanni keessa hin jirre irratti uumuun sobaan yakkanii hidhaatti darbachuun ji’oota hedduuf dararaa jiru.

Gochoota farrummaa akkasiin godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti hidhamtoonni rakkoo haala kanaan isaan irra gahaa jiruuf nyaata lagachaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuu keessatti namoonni sobaan yakkamuun ji’oota hedduuf gar-malee dararama ulfaataa argaa jiran nyaata lagataa jiraachuun ibsamee jira.

Waraanni bilxiginnaa diinummaa uummata Oromoof qaban irraa ka’uun, maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhu itti maxxansuun namoota nagaan jiruuf jireenya isaanii gaggeeffatan ji’oota hedduuf ukkaamsanii hidhaatti darbachuun rakkoolee garaa garaa hidhamtoota magaalaa Shaambuutti hidhamanii jiran kana irraan ga’aa waan jiraniif   tarkaanfii nyaata lagachuu kan fudhatan ta’uu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Kana malees, loltoonni sirnichaa lukkeelee bilxiginnaa waliin ta’uun hidhamtoota magaalichaa irratti dararaa hamaa raawwachuun, akka mana hidhaatii ba’aniifis maallaqa humnaa olii gaafachaa jiraachuu itti dabaluun kan himan yoo ta’u, gochi kun godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti haaluma walfakkaatuun kan itti fufe ta’uun ibsamee jira.

Exit mobile version