ONM-ABO Sadaasa 1, 2024
Magaalaa Naqamtee Aanaa 1’ffaa ganda 05 fi Aanaa 2’ffaa ganda 07 akkasumas aanaa Guutoo Giddaa fi bakkeewwan garaa garaa keessatti uummata hojii idilee isaaf deemu daandii irraa qabuun maqaa ”loojistikii, haala yeroo fi seelii diinaa” jedhu itti moggaasuun ji’a 6 fi isaa ol manneen hidhaa magaalichaa keessatti dararaa jiraachuu maatiin namooota hidhamanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni mana hiraarsaa magaalaa Naqamtee keessa jiran akka gadii kanatti xalayaa isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ergan:
Ayyaan-ilaallattoonni maqaa ABO-WBO dawoo godhachuun bosona turanii fi ergamni isaanii kan PP ta’e “karaa nagaa galle” jechuun yeroo ammaa kana ergama addaa Bilxiginnaa irraa fudhatanii magaalaatti galuun Bilxiginnaa gammachiisuuf uummata hidhata siyaasaa hin qabne guyyaa guyyaan basaasuun mana hidhaatti guursisaa jiru.
Ergama sirna diinaa hawaasa nagaa fi Qeerroo irratti geessisaa kanneen jiran kun mana hidhaatti namoota doorsisuu fi badii namootaa malee ragaa irratti ba’aa waan jiraniif hawaasni keenya jabaatee gantootaaf akka harka hin laannee fi irraa akka of eeggachuu qabu har’a mana hiraarsaa keessa teenyee xalayaa kana isiniif barreessina” jechuun xalayaan yaada isaanii ibsanii jiru.
Kana malees, hidhamtoonni magaalichaa itti dabaluun, “namni kamuu yeroodhaaf itti roorrifama malee roorrifamaa jiraachuu hin danda’u, har’a roorroon abbaa irreen nurratti muramee lubbuu qaalii galaafata malee eenyummaa Oromummaa itti yakkamne kana ajjeesuu hin danda’u jedhan.
Akkasumas, absoo lubbuu goonni danuun itti kitimamee dhiigaa fi lubbuun eegamaa as ga’e kana dura dhaabbachuun hin yaadamu, Kanaaf, warri biyya keesssa fi alaa, kan gammoojjii Oromiyaa fi baddaa, kan beelaa fi dheebuun lafee itti cabaa jirtan martuu tokkummaa keessan eeggachuun sirna hundee irraa nu duguugaa jiru sirna nama nyaataa PP akka qolattan imaanaa isiniin jenna.
Sabboontonni magaalota Oromiyaa garaa garaa ammoo, yeroo kamuu caalaa yeroon ammaa kun hamtuu waan taateef diina qabsoo, rirma qabsoo fi nyaapha mooraa keessaa akka adda baafattan jenna.
Nuti gaafa kana katabnu laafnee osoo hin taane, cimneeti, isinis jabaadhaa nu jabeessaa! Hanga ammaatti magaalaa Naqamtee manneen hidhaa adda addaa keessatti namoonni hidhamanii jiran hedduudha jedhu:
Magaalaa Naqamtee Aanaa 1’ffaa ganda 05 keessa dhiira 250 olii fi dhalaa 35 ol yoo ta’an, aanaa 2’ffaa ganda 07 keessa immoo, dhiira 280 olii fi dhalaa 40 ol kanneen taanu rakkoo ulfaataa keessa jirra jedhu.
Akkasumas, Aanaa Guutoo Giddaa keessaa yakka tokko malee hidhaa ji’a 6 fi waggaa tokko oliin kan hidhamanii gidirfamaa jiran danuudha. Kanaaf, kabajamoo uummata Oromoo biyya keessaa fi alaa kamuu kana akka nuuf hubattan kabajaan isin gaafanna. Reebichaa fi doorsisni diinaa Oromummaa keenya irraa boodatti nu hin deebisu! Jechuun dhaamsa qaban barreeffamaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf erganii jiru.

