OMM-ABO Adooolessa 2, 2024
Akka guutuu Oromiyaatti murni faashistii bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti bananiin Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun qabanii manneen hidhaa cufatti guuruun hidhamtoota hedduu ta’an mana tokkotti hidhuun dhukkuboota adda addaaf akka saaxilaman taasisanii jiru.
Haaluma kanaan, magaalaa Naqamteetti namoonni yakka tokko malee loltoota sirnichaan yakkamanii qabamuun hidhaman hedduun dhukkubootaaf saaxilamuun ibsameera.
Waajjira poolisii magaalaa Naqamtee aanaa 2’ffaa ganda 07 keessatti argamu keessaa namoonni hedduun mana tokko keessatti hidhamuu irraa kan ka’e dhukkuboota hedduuf saaxilamanii jiraachuu namoonni hidhamtoota kana dubbisuuf deeman ni dubbatu.
Namootni hidhamtoota kana itti siqeenyaan hordofaa jiran akka jedhanitti, “hidhamtoota dhiiraa 10 fi dubartoota 15 ta’uun mana tokko keessatti hidhamanii jiru jechuun rakkoo isaan irratti qaqqabaa jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himu.
Dhiiraa fi dubartiin kutaa tokko keessatti hin hidhaman ture. Ergamtootni faashistii PP kun bakka tokkotti hidhuun rakkachaa akka jiran ibsu. Dhukkuba daddarboof saaxilamanii qorichaa fi yaala argachaa akka hin jirres dubbachuun, uummanni sagalee akka ta’uuf gaafataniiru.

