ONM-ABO Gurraandhala 9, 2025
Bara dhufaa darbaan mootummoota impaayerattii bulchaa turan keessatti magaalaa Finfinneetti kan argamu manni hidhaa Qaallittii bakka ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa badii tokko malee sobaan yakkamanii ukkaamfamuun gochootni suukkaneessoon adda addaa irratti raawwachaa turee fi bara Bilxiginnaa kana keessa illee bifa haarawaa ta’een haala duraan barameen olitti dararaa hamaa argaa kan jiran ta’uu fi dhukkuboota daddarboo adda addaaf saaxilamaa kan jiran ta’uu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen itti dhiheenyaan beekan eeranitti, baay’inni hidhamtoota mana hidhaa Qaallittii keessa jiranii garmalee baay’achuu irraa kan ka’e mooraan tokko qofti hidhamtoota 1,000 ol kan qabuu fi nyaanni achi keessaa isaaniif dhiyaatu ijaan ilaaluuf illee kan namatti hin tolle yoo ta’u, bishaan dhugaatii fi dhiqannaan illee isaan rakkisaa jiraachuu dubbatu.
Hidhamtoonni kunneen, sababa bakka tokkotti walitti baay’ataniif jecha dhukkuboota daddarboo adda addaaf saaxilamuun dhiphachaa kan jiran oggaa ta’u, dhukkuba isaan mudatuuf achi keessatti yaalli fayyaa gahaan kan hin jirree fi hanqinoota dhiyeessii nyaataa, bishaanii fi kanneen biroos sababa dhabaniif garmalee rakkataa jiraachuunis dabalataan ibsameera.
Mana hidhaa kana malees, manneen hidhaa akka: Qilinxoo, Baatuu, Maa’ikelaawwii fi Oromiyaa cufa keessatti argaman keessatti ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman harka Bilxiginnaan yakkamuun hiraarsaa ulfaataa argaa jiraachuu yeroo adda addaatti irra deddeebiin isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

