ONM-ABO Hagayya 26, 2024
Manneen hidhaa adda addaatti murni gabroomfataa PP, ilmaan Oromoo adamsanii qabuun sobaan yakkanii dararaa hamaa irraan ga’uu hammeessuun, mana hidhaa Baatuu keessatti hidhamtoonni siyaasaa rakkoolee adda addaan dararaa argaa jiraachuun ibsamee jira.
Mana hidhaa Baatuu kan godina Baha Shaggar magaalaa Baatuutti argamu keessatti murni gabroomfataan bara dhufaa darbaan sirna bittaa isaaniitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa walitti guuruun achitti hidhanii dararaa hamaa irratti raawwatu.
Mana hidhaa Baatuu mooraa 1’ffaa keessatti namoonni 900 ol ta’an hidhamanii rakkoolee fayyaa adda addaaf saaxilamanii kan jiran yoo ta’u, haalli dhiyeessii nyaataa dhukkuboota adda addaaf isaan saaxilaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan.
Akka maddeen keenya himanitti, haalonni achi keessa jiran garmalee hammaataa ta’uun hidhamtoonni hedduun kanneen qarshii hin qabne nyaanni achi keessaa isaaniif dhiyaatu akka nyaataatti waan hin lakkaa’amneef rakkoolee ulfaataa argaa jiraachuun ibsameera.

