Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mana hidhaa Federaalaa Zuwaay magaalaa Baatuu keessaa hidhamtoonni siyaasaa kan sabaan Oromoo ta’an 50 ol ukkaamfamanii achi buutee dhabamsiifamuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Dheengadda Sadaasa 25, 2024 hidhamtoonni siyaasaa kan sabaan Oromoo ta’an 50 ol mana hidhaa Federaalaa Zuwaay irraa maqaa hokkora kaasuuf yaalii taasistan jedhuun ganama irraan konkolaataan fe’amuun hanga gabaasni kun qindaayetti achi buutee dhabamsiifamuun beekameera.

Ilmaan Oromoo  ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu shakkii jedhuun  manneen hidhaa impaayerattii bakkeewwan garaa garaatti jumlaan hidhamanii ragaa sobaa irratti dhihaachaa tureen hidhamaa kan jiran ragaa mana murtii malees manneen hidhaa irraa baafamuun ajjeefamuu fi dhabamsiifamuun aadeffatameera. 

WBO’n gaaffiin ummata Oromoo deebii bu’uuraa hanga hin argannetti rakkoolee mirgaa gadii irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa akka hin ta’in ibsaa akkuma jiru, murni Bilxiginnaas gaaffiin uummata Oromoo deebii argateera jechuun gaaffii sabichaas ajjeechaan deebisuu aadaa godhee itti fufee kan jiru Bilxiginnaan, hidhamtoonni siyaasaas manneen hidhaa keessatti mirgi isaanii sarbamuun kan bara sirna EPRDF olitti cimee itti fufeera.

Namoota manneen hidhaa Federaalaa Zuwaay irraa ukkaamfaman keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga’e; Bilisumma Zawudee, Laggasaa Dajanee,Tafarii  kanneen jedhamanii fi namoonni maqaan isaanii nu hin geenye danuu ta’uun ibsameera.

Bilxiginnaan gamtokkoon ajandaa bulchiinsa sirrii odeessaa, nagaan waaraan uummataaf akka malu osoo beekuu, bulchiinsa waraanaan bulchuun  nagaa sabootaa guyyuu booressuu itti fufuun, dubbiin isaanii rakkoo hawaasaa dhugaatti furmaata itti gochuuf osoo hin taane qalbiin lammiilee kanaan akka  qabamu taasisuufiidha kan jedhanis maddeen mana hidhaa Zuwaay irraa ONM dubbiseedha.

Exit mobile version