ONM-ABO Amajjii 4, 2025
Obbo Amaan Asaffaa jedhamu. Bakki dhaloota isaanii Kibba Oromiyaa aanaa Liiban ganda Urgaa jedhamutti akka dhalatan seenaan isaanii ni dubbata.
Obbo Amaan umurii isaanii dargaggummaa irraa kaasee hanga guyyaa wareegamanitti aantummaa sabaaf qabaniif aarsaa guddaa kaffalaa akka turanis ni himama. Maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun yakkamanii mana hidhaa qaallittiitti waggoottan dheeraaf hiraarfamaa akka turan seenaan isaa ni addeessa.
Baroota bulchiinsa sirna EPRDF’f keessa murtii dheeraan itti muramee yeroo dheeraaf hidhamanii bara 2021 ji’a Kudha tokkoffaa keessa hidhaa irraa hikamuun battaluma hiikamanis oolee osoo hin bulle magaalaa Hawaasaa irraa gara Finfinneetti imala taasisuun bulchiinsa magaalaa Finfinneetti to’ataman.
Kutaa magaalaa Finfinnee Cirqos bakka addaa Kaninni jedhamuu butamuun Meeksikoo waajjira Poolisii Federaalaa kutaa qorannaa yakkaatti darbatamuun, erga achi turanii booddee gara waajjira Komishinii Poolisii Makalaawitti ji’a sadii hidhamuun ibsameera.
Kana booodas himata 1’ffaa dargaggoo gurmeessuun gara bosona Baalee galchuuf sochii irra jirta ittiin jedhan.
Himata 2’ffaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuudhaan yeroo Bilxiginnaan TPLF irratti waraana duulchisaa turetti ati immoo duubarraa haleellaa raawwachiisuuf qophii irra turte kan jedhuu fi
• Ilaalcha ISIS fi Alshabaab babal’isuurra jirta kan jedhuun himatanii ragaa dhabuun boodarra wagga shan itti murteessuun gara mana hidhaa Federaalaa Zuwaayitti dabarfamuun ibsameera.
Murtii waggaa shanii keessaas waggaa 4 fi baatii 2 ol hidhamuun Amajjii 2, 2025 akka ajjeefaman maddeen mana hidhaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Obbo Amaan Asaffaa barreessaa Kitaabotaa fi kuusaa walaloowwanii akka ta’es kan himaamu yoo ta’u, hanga guyyaa lubbuun isaa dabartuuttis Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun manneen hidhaa adda addaa keessatti hiraarfamaa turuun ni beekama.

