ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024
Oromiyaa bulchinsa magaalaa Finfinneetti tikoonni fi lukkeeleen murna bilxiginnaa, adeemsa hojii gaarii jedhamuun akkaataa isaan ittiin nama adamsanii hiisisaniin ilaalamee maallaqni guddaan akka kaffalamuuf ni himama.
Kanumaan wal qabatees guyyuu namoota nagaa dhugaa of harkaa qabanii fi jireenya isaanii foyyeeffatanii jiraachuuf kutaalee Oromiyaan qabdu adda addaa irraa deemuun hojii humnaatti bobba’anii warshaalee adda addaatti qacaramuun hojjetanii ittiin nyaatanii bulan, isin ergama waraana bilisummaa Oromoo raawwachuu dhuftan jechuun hordofanii hidhaa oolu.
Bifuma kanaanis dargaggoon maqaan isaa Sanyii Dhaabaa Damee jedhamu godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu irraa Finfinnee deemee hojii isaatti bobba’ee hojjechaa kan ture, kutaa magaalaa Finfinnee irraa poolisii Finfinnee fi Federaalaan qabamee yeroo dheeraaf hidhamuun hanga ammaatti dararaa ulfaataa argaa akka jirus beekameera.
Akka maddeen jedhanitti mana murtiitti dhiyaatee yakka akka hin qabnee fi walabaan manni murtiis akka gadhiise himuun, garuu humni poolisii maallaqa akka isaaniif kaffalee ba’u fedhuun hanga har’aatti hidhaan hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, Buraayyuu waajjira poolisii aanaa Sadaffaatti dhukkubsatee yaala malee akka jirus itti dabaluun himaniiru.
Dabalataanis ilmaan Oromoo Oromiyaa kutaalee adda addaa irraa dhaquun Finfinneetti qabamanii waggoota 3 ol hidhamanii jiranis danuu kan ta’an yakka tokko malee mana hidhaatti dhibee adda addaaf saaxilamuun hiraarfamaa aka jiranis maddeen itti dabaluun ONM’tti himaniiru.

