Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bilxiginnaan Kora Adaamaatti taa’aa tureen Abiy Ahimed gaafatamtoota Bilxiginnaa Oromiyaa yoo arrabsu Finfinneetti waamee ammoo dhiifama gaafate

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Oduun mana Bilxiginnaa keessaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe akka ibsutti pirezidaantiin Bilxiginnaa Abiy Ahimed waltajji hooggantoota  paartii Bilxiginnaa guutuu impaayerattiif leenjii humna mul’ataa jedhu kennamaa ture irratti raawwiin hojii Bilxiginnaa Oromiyaa keessatti kan kufuuf ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo waan qabdaniif jechuun jechoota gadi bu’aan arrabse.

Keessaayyuu gaafatamtoota paartii Bilxiginnaa Lixa Oromiyaan isin hin qullooftan jechuun Bilxiginnaa lafa qabsiisuuf gufuu akka ta’anitti kaasee  itti dhaadachaa ture. Kanaan wal qabatee bulchaan godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa fi itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa osoo hojjennuu nu arrabsaa jechuun aangoo irraa nu kaasuuf akkas godhata jedhanii yaadda’aa turuun barameera.

Booda irra garuu bu’aa siyaasaaf akkaataa ittiin goyyomsee sammuu isaanii naannessu tolfatee xumura waltajjii Adaamaan qondaaltota Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa waajjira Finfinneetti waamuun arrabsoo isaaniin jedheen tokko tokkoon irra deemee dhiifama gaafachuun akka geggeesse barameera.

Abiy Ahimed maaliif qondaaltota Bilxiginnaa Oromiyaa bakka gaafatamtootni Bilxiginnaa sabaa fi sablammootaa jiranitti arrabsee booda irra qofaatti dhiifama gaafate jennee gaaffii nama odeessa kana nuuf qoode gaafanneen, Abiy Bilxiginnaa Amaaraa biratti nama Itiyoophiyaa jabaa fi garee ykn ilaalcha sabaa  hin qabne ta’ee mul’achuuf akka ta’e himan. Lolli cimaan naannoo Amaaraa keessatti deemaa jira, waggoota lamaan kana uummatni Amaaraa Abiy nu gane jedhanii waan yaadaniif qondaaltotni sun olaantummaa qorqalbii fudhatanii naannoo isaaniitti galuun Faannoo irratti duula akka jabeessaniif akkasumas amanamummaa saboota biroo ittiin argachuuf akka ta’e himeera.

Namni odeessa nuuf kenne kun gaafatamtootni Bilxiginnaa Oromiyaa arrabsoo sanaan gaddanii aangoo irraa nu buusuuf jedhanii yaadda’anis Abiy beekaa tapha siyaasaa taphatee garee lachuu gidduutti jaallatamummaa shiraan dagaagfachuuf akka hojjete kaase. Abiy Ahimed fakkeessaadha kan jedhu namni kun, akkuma amala isaatti sabaa fi saba akkasumas hojjettoota isaa garaa wal wallaalchisee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hojjechaa jira jechuun dabala.

Haa ta’u malee  hangamuma iyyuu shira, daba, tapha siyaasaa fi duula waraanaa Oromiyaa keessatti geggeessus Oromiyaa keessatti nagaan osoo  hin argamin erga Abiy aangoo qabatee waggaa ja’a yoo lakkoofsisu, qondaaltotni Bilxiginnaa garuu mul’ata keenya jiraachaa jirra jechuun uummatatti qoosaa jiraachuu yaadachiisuun taajjabbii qabu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoodeera.

Exit mobile version