ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024
Bilxiginnaan aangoo isaa to’achuu dadhabuun qabxiilee fedhii uummataa fi qaamota isa waliin hojjetan irratti dhiibbaa godhu, daangaa bulchiinsa isaa qofaaf mijatu baasee yeroo dhiyeessaa jirutti hojiirra oolmaan isaa ergamtoota isaatti yaaddoo ta’uun mooraa sirnichaa keessattis mufii kaasaa jira.
Bifuma kanaanis godina Horroo Guduruu Wallaggaatti qondaaltonni sirna faashistii PP onoota godinichi qabu irraa hojjettoota isaanii kanneen hooggansa qaban dheengadda Waxabajjii 15, 2024 magaalaa Shaambuutti walitti qabuun marii haala yeroo irratti waliin taasisaa akka turan maddeen keessoo PP nuuf himaniiru.
Kaayyoon waltajjii marii sirna PP kunis hojjetaan sirnichaa kamuu hojii magaalaa keessaa dhiisee gara baadiyyaatti bobba’ee gandoota baadiyyaatti hidhatee milishootaa fi waraana waliin sochii gochuu malee magaalaa keessa namni kamuu hin oolu jechuun yaada isaanii himaa akka turanis dubbatu.
Yaadni dhiyaachaa ture falmii walii isaanii irratti akka kaasan kan taasise yoo ta’u, hooggantoonni kunneenis namni ajaja keenyaan hin bullee fi bakka itti socho’i jedhame hin deemnes du’aan akka adabamu murtii wal irratti kaawwachaa akka turanis itti dabaluun himaniiru.
Dabalataanis hawaasa leenjii loltummaa hin qabne hidhachiisanii kan jiran ta’uu himuun, hawaasni yaaddoo lubbuu isaafis wawwaataa akka jiru dabaluun ONM’tti himan.
Hojjettoonni hedduunis haalli bilxiginnaan labsii lolaa nurratti labsee jiru kun nageenya naannoo eeguu osoo hin taane, akkaataa nuti dhumnuuf haala nurratti mijeessee teessuma aangoo isaaf tarsiimoo badii nurratti uumee jira jechuunis komii fi dallansuu isaanii kaasaa akka turan itti dabaluun himaniiru.

