ONM-ABO Hagayya 1, 2024
Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Shaambuutti yakkoonni waraana PP’n raawwatamaa jiru gurraan dhaga’uuf kan namatti hin tolleedha, dargaggeessi bifni isaa gurraacha ta’e, dhaabbii fi qaamni isaa sansakkaa waraanummaa qabu waliin wal fakkaatu argamnaan, miseensota WBO jedhamuun gaaffii seeraa tokko malee ajjeefamuu fi ukkaamfamuun manneen hidhaatti darbatamanii hiraarfamaa akka jirantu dubbatama.
Adoolessa 29, 2024 ganama golollisa lafaa dargaggoonni lama onoota biroo irraa hojiif magaalaa Shaambuu jiraataa turan waraana PP’n qabamanii yakka tokko malee naannoo qarqara bulchiinsa magaalaa Shaambuutti rasaasaan waadamaanii akka ajjeefaman jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti ijoolleen ajjeefaman kunneen waraana kanaan harki isaanii dudduubatti hidhamee ajjeefamuu himuun, eenyummaa namoota kanneenii akka addaan hin baasneefis fuula isaanii saanjaan wawwaraanuun adda baasuun akka hin danda’amnes itti dabaluun himaniiru
Dargaggeessi hiriyyaa namoota ajjeefaman kanaa tokkos reebicha ulfaataa waraana PP’n irratti raawwatameen du’aa fi jireenya gidduu akka jirus jiraattonni ONM’tti himaniiru.

