Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Abbootiin qabeenyaa finxaaleyyii Amaaraa bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qaallittii keessa jiran maallaqaan murna bilxiginnaa bituun caasaa ijaarrachaa jiraachuun dhagaa’ame

Abbootiin qabeenyaa finxaaleyyii Amaaraa bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qaallittii keessa jiran maallaqaan murna bilxiginnaa bituun caasaa ijaarrachaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM – ABO – Sadaasa 25, 2022 Finxaaleyyootni maqaa Amaaraan olaantummaa saba Amaaraa bara mootota darbanii deebisnaan socho’aan jiran bulchiinsa magaalaa Finfinnee bakkoota garaagaraa keessatti tumsa murna bilxiginnaaf gochuun uummata Oromoo ajjeesisaa gama biraan ammoo caasaa isaanii jabeessu. Akka kanaanis bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qaallittii keessatti abbootiin hoteelaa Maarakii, Barkinaa, Goojjoo, Yohaannis, Nugusee Bellexee, Maqu’araa fi Raarkaa jedhamu lola Oromiyaa keessatti murni bilxiginnaa uummataa Oromoo irrattj geggeessaa jiru maallaqaan tumsaa jiru. Keessumaa bilxiginnootni magaalaa Qaallittii hoteela Barkinaatti walitti qabamuun haala itti finxaaleyyoonni Amaaraa garee faashistii kana utubanii fi lafa naannichaa gurguratan irratti kan mari’atan yoo ta’u bakki VIP qabamuufiin guyyaa Dilbataa achi keessaa dhugaa, nyaachaa fi murtoo garaa isaaniif ta’u murteessaa oolu.
Abbootiin qabeenyaa finxaaleyyii kun qondaaltota PP harka keessa waan galchataniif ilmaan finxaaleyyii naannoo Amaaraa irraa waamuun hojii hoteelaa, dukkaanaa fi warshaalee biroo keessa galchuun warreen Oromoo ta’an ammoo bakkeetti ari’aa jiru. Naannoo Qaallittii kanattii abbootiin qabeenyaa finxaaleyyii kun sanyii isaanii qofa ijaaruun hojiitti galchuun cinaatti dargaggoota isaanii gurmeessuun yeroo kamittuu of ittisuu, saba isaanii eeguu fi rakkoon yoo uumame Oromoo irratti xiyyeeffatanii miidhaa akka qaqqabsiisan qajeelfama kan kennaniif yoo ta’u shamarran isaaniif ammoo haala sochii magaalaa hordofsisu. Kana malees bulchiinsa magaalaa Finfinnee lafa naannoo Koyyee Qiliinxoo jiru ilmaan Oromoof kanaan dura kennuuf waraqaa eenyummaa akka baafatan godhanis yeroo ammoo harka lafa jalaan maallaqatti jijjiiruu fi saboota biroo hirmaachisanii laachuuf karoorfataniiru. Qondaaltotni bilxiginnaa kutaa bulchiinsa magaalaa Qaallittiitti gocha hamaa garaa isaaniif jecha finxaaleyyii Amaaraa waliin wal ta’uun saba gurguraa fi lolli Oromiyaa keessaa namoota kumootaan ajjeesaa , hidhaa fi buqqisaa jiru warreen jibbiinsa Oromummaa qabaniin akka deggeramu gochaa jiran ilmaan Oromoo ta’anis dantaa fi aangoon eenyummaa isaanii dagachiisuun faashistummaa raawwatanis lafa Oromiyaa guutummaatti Oromoof taasisuuf tokkummaan wal faana hiriirree warreen kan abba tokkoo abbaa ta’uu barbaadan of irraa darbuu qabna jechuun kan gabaasan maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa magaalaa Finfinnee ti.

Exit mobile version