ONM-ABO Fulbaana 4, 2024
Murnoonni dhufaa darboo dabareen impaayerattii bulchan uummata isaaniif bulchiinsa gaarii diriirsuun gaaffilee bu’uuraa deebisuu irra aangoo isaanii tikfachuuf uummata Oromoo qaama sodaa taayitaa isaanii taasisuun ukkaamsanii mana hidhaa adda addaatti dararaa hamaa irratti raawwachuun itti fufee jira.
Haaluma kanaan, hidhamtoonni mana hidhaa Qaallittii keessatti hidhaman rakkoo adda addaaf saaxilamaa jiraachuun ibsameera.
Manni hidhaa Qaallittii bakka ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa badii tokko malee sobaan yakkamanii ukkaamfamuun garmalee itti dararamaa turanii fi yeroo ammaa illee bifa haaraan haala duraan barameen olitti hidhamtoota itti dararaa jiran ta’uun ni beekama.
Akka maddeen itti dhiyoo eeranitti, baay’inni hidhamtoota Qaallittii keessa jiranii mooraan tokko qofti namoota 1,000 ol kan qabuu fi nyaanni achi keessaa isaaniif dhiyaatu ijaan ilaaluuf illee kan namatti hin tolle ta’uu himuun, sababa hanqinaa fi qulqullina nyaataan hidhamtootni dhibeef saaxilamaa jiraachuus eeran.
Hidhamtoonni kun yoo dhukkubanis yaalli fayyaa gahaan waan hin jirreef yaala dhabuun rakkataa jiraachuunis itti dabaluun ibsameera.

