Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti hidhamtootni siyaasaa hedduun gidiraa hamaaf saaxilamaa jiraachuun himame 

ONM-ABO Hagayya 4, 2025 

Bulchiinsa magaalaa Naqamtee mooraa waraanaa guddicha Kumsaa Morodaa fi gandoota magaalichaa 07, 05 fi kanneen biroo keessatti dabni ilmaan Oromoo irratti waraana Abiy Ahimediin raawwatamaa jiru daran yaaddessaa akka ta’e odeessi keessoo sirnichaatii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.

Hidhamtootni hedduun manneen hidhaa irraa baafamuun ajjeefamuu, dhukkuboota daddarboo addaa addaaf saaxilamuun yaala fayyaa dhabuu, mana murtiitti osoo hin dhiyaatin waggoottaniif turuu, hidhaa irraa baafamuuf maallaqni guddaan gaafatamuu, shamarran mooraa waraanaatti hidhuun gudeeduu, akkasumas mana hidhaa keessaa baasuun mooraa waraanaatti erguun cimee kan jiruu fi akka waliigalaatti haalli dhiittaa mirga namoomaa daran jabaatee jiraachuunis dabalataan ibsameera.

Siyaasni impaayera Itiyoopiyaa waggoottan torban darbanii kaasee bifa haaraan kan sirnoota darbanii caalmaatti lubbuu ol-adeemtota ilmaan Oromoo galaafachuu, maanguddoota biyyaaf gaaddisa ta’an akka salphataniif ulaa saaquu, hawwanii fi shamarran sirnicha jalatti gudeedamuu fi dhaloonni abdii biyyaa ta’an jireenyi isaanii manneen adabaatti mankaraarfamuu ta’ee jira.

Exit mobile version