Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mana hidhaa Federaalaa Zuwaay keessatti hidhamtootni Siyaasaa dararamaa jiraachuun dhaga’aame

ONM-ABO Amajjii 29, 2024

Miidhaaleen gama qondaaltota mootummaa impaayera Itoophiyaatiin hidhamtoota mana hidhaa Federaalaa Zuwaay keessatti argaman iratti taasifamaa jiraachuun dhaga’aamaa kan jiru yoo ta’u, adabbiin dharaa karaa manneen murtii namoota hedduu irratti ragaalee sobaatiin irratti murtaa’ee jiru dhiibbaaf saaxilee akka jirutu himama.

Hidhamtootni mana hidhaa Federaalaa Zuwaay keessatti maqaa Siyaasaan murtiin sobaa itti muramuun adabamanii jiran baay’inni isaanii 3000 ol akka ta’aan maddeen dubbatu.

Akka maddeen jedhanitti adabbii murtii isaanitti murame xumuratanii namootni hedduun dabalataan maallaqa guddaa baay’inni isaa qarshii 10,000-50,000 ta’u kaffalanii ba’aa jiru jechuun himu.

Namootni hedduunis manneen hidhaa dukkanaa keessatti rakkoo ulfaataa argaa jiraachuun himamuun, mooraa mana hidhaa Zuwaay keessatti hanqinni nyaataa, bishaan, uffannaa dhukkubsatanii yaalamuu dhabuu fi reebichi guddaan geggeeffamaa akka jiru kan dubbatame yoo ta’u, ilmaan Oromoo rakkoo ulfaataa argaa jiraachuun beekameera.

Maatiin ilmaan mana hidhaa Zuwaay keessaa qaban deemanii dubbisuu dhorkamanii akka jiranii fi uffannii fi nyaanni bakkee irraa mooricha galuu dhorkamuun hidhamtootni hiraarfama hamaa keessummeessaa akka jiran ONM odeeffateera.

Exit mobile version