Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti jiraattonni hedduun gaaffii seeraa tokko malee ji’oota hedduuf mana hidhaatti dararamaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Fulbaana 13, 2024

Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo jumlaan hidhaatti guuruun dararaa ulfaataa ta’e irraan ga’uun, qabeenya irrattis saamicha hamaa geggeessaa kan jiraniif  dantaa namummaa kan hin qabne loltoonni bilxiginnaa, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti jiraattota hidhaatti guuruun gaaffii seeraa tokko malee ji’oota hedduuf mana hidhaatti dararaa jiraachuun ibsame.

Aanichatti dargaggoonni, maanguddoonni, xiqqaa fi guddaa marti loltoota sirnichaan sobaan yakkamuun gandoota adda addaa irraa maqaa ”deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti; ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jedhuun namootni dhibbootaan lakkaa’aman waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni dubbisne ONM’tti himan.

Gandoota aanichaa hunda keessaa ukkaamfamuun waajjira poolisii aanichaatti garmalee hiraarfamaa kan jiran namoota maqaan isaanii:

  1. Aadde Roobee Laayyoo 
  2. Aadde Fittaalee Hundee
  3. Obbo Janaa Kabbuchaa fi kanneen biroo ta’uun barameera.
Exit mobile version