Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni PP hawaasa hidhuu itti fufan

ONM-ABO Amajjii 18, 2025 

Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo jumlaan hidhaatti guuruun dararaa ulfaataa ta’e irraan gahaa qabeenya irratti saamicha hamaa geggeessaa kan jiranii fi dantaa namummaa kan hin qabne loltoonni Bilxiginnaa, haala duraan barameen olitti jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru. 

Aanaa Horroo Bulluq irraa ergamtoonni Bilxiginnaa yeroo yeroon maqaa adda addaa itti maxxansuun jiraattota hidhaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, ganda Ashaayyaa Daaddoo keessaa Amajjii 15, 2025 waraanni nama nyaataan Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:

  1. Indaalee Diimaa, 
  2. Rattaa Waggaarii,
  3. Tafarraa Guddataa fi 
  4. Tafarii Guddataa kanneen 

jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbachuumaddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Tafarraa fi Tafariin obbolaa ta’uu fi Abbootii Gadaa ta’uun hawaasa tajaajilaa, akkasumas hojii dhuunfaa hojjetachuun of jireessaa kan turan ta’uu himuun, osoo hirmaannaa qaama siyaasaa tokkollee hin qabaatin loltoota sirnichaan yakkamuun hidhaatti darbatamanii dararaa hamaa argaa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version