Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti lukkeeleen bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 28, 2024

Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo jumlaan hidhaatti guuruun dararaa ulfaataa ta’e irraan ga’aa, qabeenya isaa irratti saamicha hamaa geggeessaa kan jiran gareen dantaa namummaa irraa hin qabne lukkeeleen Bilxiginnaa, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti jiraattota hidhaatti guuruu akkuma itti fufanitti jiraachuun ibsameera.

Guyyaa kaleessaa jechuun Adoolessa 27, 2024 ergamtoonni sirnichaa ganda Ashaayaa Daadoo jedhamu irraa namoota maqaan isaanii Roobee Laayyoo fi Fittaalee Hundee jedhaman badii tokko malee butuun ukkaamsanii Waajjira Poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.

Aanuma kana ganda Abillee Igguu jedhamu keessaas guyyuma kaleessaa kana nama maqaan isaa Obbo Janaa Kabbuchaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun ukkaamsanii waajjira poolisii onichaatti hidhanii jiraachuu namoonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

Aanichatti murnoonni bilxiginnaa sobaan yakkuun gocha badii garaa garaa uummata irratti raawwachaa kan jiranii fi addatti immoo dargaggoota irratti xiyyeeffachuun adamsanii ukkaamsaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version