ONM-ABO Adoolessa 29, 2024
Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo jumlaan hidhaatti guuranii dararaa ulfaataa ta’e irraan gahuun, qabeenya irrattis saamicha hamaa geggeessaa kan jiranii fi dantaa namummaa kan hin qabne murnoonni bilxiginnaa, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti jiraattota hidhaatti guuruu akkuma itti fufanitti jiraachuun ibsameera.
Adoolessa 27, 2024 ergamtoonni sirnichaa ganda Ashaayaa Daadoo jedhamu irraa namoota maqaan isaanii Roobee Laayyoo fi Fittaalee Hundee jedhaman badii tokko malee butuun ukkaamsanii Waajjira Poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.
Aanuma kana ganda Abillee Igguu jedhamu keessaas guyyuma kana nama maqaan isaa Obbo Janaa Kabbuchaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun ukkaamsanii waajjira poolisii onichaatti hidhanii jiraachuu namoonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.
Aanichatti lukkeeleen bilxiginnaa sobaan yakkoota garaa garaa uummata irratti raawwachaa kan jiranii fi addatti immoo dargaggoota irratti xiyyeeffachuun adamsanii ukkaamsaa jiraachuun ibsameera.

