Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Gololchaa Keessatti maqaa gibiraan waraanni faashistii PP namoota irraa maallaqa saamaa jiraachuun barame

ONM-ABO Hagayya 22, 2023

Seera bu’uura godhachuun murtoo kan hin laanne murnootni impaayera Itoopiyaa keessatti aangoo siyaasaa of harkaa qaban, ilmaan namaa akkaataa ofii barbaadaniin guyyuu dararu.

Haaluma kanaan akkaataatuma qajeelfama jiruutti uummatni galii argatu irratti hundaa’ee shallaggiin gibiraa kan  itti murtaa’uun kafaltii kan kaffalu ta’us, murni faashistii PP impaayera Itoophiyaa garuu hanqina baajetaa isaan mudate ittiin guuttachuuf maallaqa namootni kaffaluu hin dandeenye humnaan itti ramadee kaffalchiisaa jira.

Godina Arsii bahaa aanaa Gololchaa keessatti abbootii qabeenyaa fi daldaltoota irratti qarshii humnaa olii kan galii isaanii guyya guyyaa giddu galeessa hin godhanne qarshii 5000 hanga 100,000tti kaffalchiisuun cinaatti daggersa dhaabaan qarshii 300 fi uffata milishaa jechuunis maallaqa funaannachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version